Skip to main content

COVID-19 dhabuudhaaf gorsaawwan fayyaa hawaasaa (Oromo)

COVID-19 dhabuudhaaf gorsaawwan fayyaa hawaasaa

Public Health Recommendations to Stop COVID-19 in Oromo

Ebla 28, 2023: Talaalliin haaromfame (bivalent) nama umuriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundaaf ni gorfama.

Ebla 19, 2023: eegalee talaalliiwwan COVID-19 CDC dhaan gorfaman:

Namni umuriin isaa waggaa 6 fi isaa ol ta'e hundi talaallii yeroo kan fooya’e (Ingiliffa qofa) argatee jira jechuudhaaf talaallii COVID-19 fooya’e 1 kan Pfizer ykn Moderna fudhachuu qaba.

Namoonni tokko tokko buusatarii COVID-19 dabalataa argachuu malu:

  • Namoonni umuriin isaanii waggaa 65 fi isaa ol ta’e tarii talaallii buustarii COVID-19 haaromfame dabalataa doozii 1, eega talaallii COVID-19 haaromfame 1ffaa argatanii ji’oota 4 ykn isaa ol booda fudhachuu ni danda’u.
  • Namoonni dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaama isaanii giddu galeessaan ykn haalaan hir’ate talaallii COVID-19 1ffaa haaromfame booda ji’a 2 fi isaa ol booda doosii COVID-19 buustarii 1 dabalataan argachuu ni danda’u.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6–waggaa 5 ta’e kan yeroo ammaa ykn foya’aa akka ta’uufif talaallii COVID-19 dachaa ykn heddu barbaachisuu danda’a, yoo xiqqaate doosii Pfizer ykn Moderna haaromfame 1 dabalatee. Baay’ina doosiiwwan kanaan dura fudhataniifi umurii isaanii irratti hundaa’a.

Maaloo doosiin meeqa akka isin barbaachisu gaaffii yoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan gaafadhaa.

Odeeffannoo talaallii dabalataaf, gara COVID-19 Vaccine page Kutaa Fayyaa Mootuuma Waashingitan irraa daawwadhaa.

To’annaa faca’iinsa Koronavayirasii gargaaruu fi nageenya walii eeguuf tarkaanfiiwwan kana fudhadhaa

Hayyisni ykn dahannoon inni gaariin talaallii argachuudha. Namoonni talaallii gutumaan guututti fudhatan yeroo ammaan kana waantoolii heddu nageenyaan hojjachuu ni danda’u akkasumas hawaasa keessatti COVID-19 xiqqeessuuf gargaaraa jiru.

Bakkeewwan saaxilamuuf carraa guddaa qaban (bakkeewwan uummanni itti baay’atu) keessatti haguuggee (mask) keewwachuun hunda eeguuf ni gargaara. Keessattuu namoota talaallii irraa eegumsa guutuu argachuu hin dandeenyeef, kan akka daa’imman xixiqqoo fi namoota haalli fayyaa isaanii vaayirasicha loluudhaaf dandeettii xiqqaa qabuuf barbaachisaadha.

Mallattoowan COVID-19 yoo qabaattan ykn nama qoratamee poozatiivii ta’e wajjin dhiyeenyaan yoo walquunnamtan ta’e qoratamaa (odeeffannoon Ingiliffa qofaan).

COVID-19 f qoratamtanii poozatiivii yoo taatan ykn dhibichatti saaxilamuuf carraa guddaa yoo qabaattan, daftanii yaalii COVID-19 yeroodhaan argachuun (odeeffannoon Ingiliffa qofaan) dukubbii hammaataa fi hospitaala seenuu irraa ittisuudhaan gargaarsa kennuu ni danda’a.

Namoonni talaallii hin fudhanne kan irratti hirmaatan yoo ta’e, sochiiwwan adda addaa xixiqqaa fi kan manaa alatti raawwataman qofa taasisaa. Vaayirasichi mana keessatti haala salphaadhaan kan faca’uu/darbu ijaa ta’eef daldaaloonnii fi dhabbileewwan sochii qilleensa mana keessaa garii ta’ee fi gingilchaa (filter) qilleensaa (Toorri Interneetii Ingiliffaan) qabaachuudhaan vaayirasii qilleensa keessa jiru xiqqeessuu ni danda’u.



Gargaarsi ni jira

Tajaajila hiikaa afaan biraatiin yoo barbaaddan ykn toora interneetii irratti gargaarsa yoo barbaaddan, sarara bilbilaa odeeffannoo kutaa Waashingitan bilbilaa. Nuti waa'ee haala immigireeshinii keessanii hin gaafannu. Namni kamiyyuu sadarkaa isaa osoo hin ilaalin gargaarsa ni argata.

Turjumaana gaafachuuf:

  1. 1-800-525-0127
  2. Ergaan ni taphatama/ni mul'ataa. Opereetarri wiirtuu bilbilaa akka deebii siif kennu eegi.
  3. Afaan barbaadde dubbadhu.
  4. Opereetariin wiirtuu bilbilaa tajaajila afaan hiikaaf ni bilbila. Bilbila hin cufinaa. Hanga nama afaan hiikuu wajjin wal qunnamtutti bilbila irra turi.

Qajeelfama COVID-19


Infoografiikii (saxaatoo)

Walgargaaruf qophaayaa. Hawaassummaa jabeeffachuun yeroo jabduu keessa darbuuf nu gargaara.


Link/share our site at www.kingcounty.gov/covid/oromo

expand_less